Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaan lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC)- Godina Geedewootti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota sadii darbuun eerame.

Balichis konkolaataan Dillaarraa ka’uun imalaa ture konkolaataa deddeebisaa ummataa faallaa isaan Gadab irraa gara Diillaa imalaa jiru waliin walitti bu’uun kan uumame ta’uun eerameera.

Balichaan lubbuun namoota sadii yoo darbu qabeenyaarra mancaatii olaanaan qaqqabuun himameera.

Namoonni balichaan miidhan irra ga’es Hospitaala Gadabitti wal’aansi taasifamaafii jiraachuu ragaan Poolisii Aanaa Gadabirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.