Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaan lubbuun namoota 13 darbe

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Balaa tiraafikaa Godina Walloo Kibbaa Aanaa Naannawaa Dasseetti mudateen lubbuun namoota 13 darbe.

Konkolaataa deddeebisaa ummataa miisbaasii 21 fe’ee Dasseerraa ka’uun imalaa utuu jiru balaa aanichatti mudateen lubbuun namoota 13 yoo darbu, namootaa 7 irraa ammoo miidhaa cimaan qaqqabuu Ogeessi Tirafikaa Waajjira Poolisii Aanaa Naannwaa Dasssee Saajiin Eefireem Yimar ibsaniiru.

Namoota miidhaan cimaan irra qaqqabes Hospitaala Ispeeshaalaayizii Dasseetti wal’aansi taasifamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Ka’umsi balichaas qoratamaa jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.