Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaa aanaa Dugdaatti qaqqabeen lubbuun namoota 26 darbe

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Balaa tiraafikaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaatti qaqqabeen lubbuun namoota 26 darbuu Qajeelichi Poolisii godinichaa beeksise.
 
Hogganaan koominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaa Koomaandar Aschaalaw Alamuu akka ibsanitti guyyaa kaleessaa sa’aatii saddeetitti balaan kun kan qaqqabe.
 
Konkolaataan deddeebisa ummataa Miinibaasii magaalaa Baatudha gara magaalaa Maqiitti imalaa ture konkolaataa deddeebisa ummataa jabaa waliin walitti bu’uun balichi kan qaqqabe.
 
Akka ibsa Koomaandar Ashaalawutti ganda Oobonnootti kan qaqqabe balichi, konkolaachisaa dabalatee namoonni Miinibaasii keessaa turan 26 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Namoota balaa kanaan lubbuun darbe keessaa daa’imman shan ta’uun beekkameera.
 
Ka’umsi balaa kanaa maal akka ta’e qoratamaa jiraachuu ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.