Fana: At a Speed of Life!

Balaa sigiga lafaa muudateen lubbuun namoota 232 darbuu mirkanaa’e – Obbo Xilahuun Kabbadaa

Finfinnee, Adoolessa 20, 2016 (FBC) – Godina Goofaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 232 darbuu mirkanaa’uu Mootummaan naannoo Kibba Itiyoophiyaa beeksise.

Balichaan hanga ammaatti lubbuun namoota 232 darbuu fi namoonni 500 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Xilahuun Kabbadaan ibsaniiru.

Deeggarsi akaakuu Birrii miiliyoona 70 taasiifamuu fi Birriin miiliyoonni 16 ammoo walitti qabamuu eeraniiru.

Abbootiin warraa 88 naannawichaa akka ka’an hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hawaasa kanneen waaraan dhaabuuf hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Taarikuu Laggasaa, Maatuusaalaa Maatiyoosii fi Masallaa Taaddasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.