Fana: At a Speed of Life!

Balaa shororkeessummaa ittisuuf hojiin walta’iinsa naannawaa fi idil addunyaa guddisuu hojjetamaa jiraachuun eerame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) Balaa shororkeessumaa ittisuuf hojiin sadarkaa walta’iinsa naannawaa fi idil addunyaa guddisuu hojjetamaa jiraachuu Daayrektarrii Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Mata duree “Shororkeessummaa ittisuun mana keenya waloo kan taate Ityoophiyaa waliin haa ijaarru” jedhuun yaa’iin dhaabbilee tikaa fi nageenya biyyaalessaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Waltajjicharratt Daayrektarri Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tamasgeen Xurunaa, shororkeessummaan sodaa addunyaa kan biyyaa fi uummata balaarraa buusu waan ta’eef hojiin ittisa isaa hunda ilaallata jedhaniiru.
Gochaalee shororkeessummaa Ityoophiyaarratti aggamaman gamaa fashaleessuun hojiileen bu’aa qaban gaggeeffamuu kaasanii, kana keessatti dhaabbileen gitaa biyyoota ollaa fi ummatootaa olaanaa ta’uu yaadachisaniiru.
Ityoophiyaan balaa shororkeessumaa ittisuuf hojiin sadarkaa walta’iinsaa naannawaa fi idil addunyaa guddisuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Shororkeessummaa sadarkaa addunyaatti yaaddoo ta’e itti fufee rakkoo waloo waan ta’eef, waliin ittiisuu qabna jedhaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.