Fana: At a Speed of Life!

Balaa lolaa Afrikaa Kibbaatti muudateen lakkoofsi namoota du’anii 443 qaqqabe

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC)- Guyyoota muraasa dura balaa lolaa Afrikaa Kibbaatti muudateen lakkoofsi namoota du’anii 443 qaqqabuu ibsameera.

Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Kiwaaluuzuu-Naataalitti sababa rooba cimaa roobeen balaa lolaa fi lafti sigigaachuun hojjettoota yeroo balaa 2 dabalatee lakkoofsi namoota du’anii 443 qaqqabuu ibsameera.

Sababa balaa kanaan hanga ammattis namoonni 63 achi buuteen isaanii dhabamuun barbaachi itti fufeera jedhame.

Dabalatanis balaa kanaan hoteelonni hedduu fi manneen barnootaa 500 ol barbadaa’uu eerameera.

Rakkoo jijjiirramaa qabeenya qilleensa idil addunyaan walqabsiisee ammantaan ho’aa,  balaa lolaa fi taateewwan biroon irra deddeebiin mul’achaa jiraachuun tarkaanfiiwwan of eeggannoon duraa fudhatamu akka qabu saayintistoonni damichaa akeekkachiisuu TRT gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.