Fana: At a Speed of Life!

Balaa ibiddaatiin qabeenyi Birrii miiliyoona 6.2 barbaadaa’e

Finfinnee, Amajjii 11, 2015 (FBC)-Magaalaa Finfinnee fi naannawaa isheetti balaawwan ibiddaa sadii mudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 6.2’tti tilmaamamu barbadaa’uu Koomishiniin Hoggansa Soda Balaa fi Ibiddaa Finfinnee beeksise.

Balaawwan sadeeniin miidhan namarra qaqqabe akka hinjirree fi qabeenya Birrii miiliyoona 900 baraaruun akka danda’ame ibsameera.

Ogeessi Quunnamtii Uumataa Koomishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo FBC’f akka ibsanitti, kaleessa dhiyaa keessaa sa’aatii 11: 15 hanga halkan waarii sa’aatii 10:05tti naannawaa garaagaraatti balaa ibiddaa mudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 6.2’tti tilmaamamu barbadaa’eera.

Kaleessa dhiya keessaa sa’aatii 11:15 irratti Finfinnee Kutaa magaalaa Eekkaa Aanaa 1tti kutaa nyaata qopheessan (alawaadaa) keessatti itti fayyadama elektirikiin walqabatee balaa mudatee ta’uu himaniiru.

Akkasumaas kaleessa dhiya keessaa sa’aatii 12:15 irratti Kutaa Magaalaa Addis Aanaa 13’tti mana jireenyaa keessatti dungoo tajaajilaaf qabsiifameen balaan mudachuu ibsaniiru.

Inni biraan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Buraayyuu naannawaa Gujeetti halkan keessaa sa’aatii 10:05tti suuqii daldalaa irra balaa ibiddaa mudateen ta’uu himaniru.

Haaluma kanaan suuqiiwwan tajaajila addaa addaa kennan 18 miidhamuu Obbo Nigaatuun dubbataniiru.

Hojjettoonni yeroo balaa tattaaffii taasisaniin miidhaan dabalataan akka hingeenye taasisuu ibsaniiru.

Balaawwan sadeen to’achuuf hojjettootaa yeroo balaa 71, konkolaattota yeroo balaa fi ambulaansonni bobbaafamuu himaniiru.

Hawaasni ergaa fi odeeffannoowwan koomishinicharraa darban hojiirraa oolchuun balaarraa akka of eegu waamicha dhiyeessaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.