Fana: At a Speed of Life!

Balaa Ibiddaa Warshaa Saamunaa Walisoorra qaqqabeen Qabeenyi Birrii miiliyoona 100 tti tilmaamamu barbada’e

Finfinnee, Guraandhala 9, 2015 (FBC) – Balaa Ibiddaa Warshaa Saamunaa Walisoorra qaqqabeen Qabeenyi Birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu barbada’uu ibsame.

Warshaa Saamunaa Magaalaa Walisoorra balaa Ibiddaa kaleessa galgala mudateen qabeenyi Birrii miiliyoona 100tti tilmamamu barbada’uu Busaa Gonofaan magaalaa Walisoo ibseera.

Itti Gaafatamaan Buusaa Gonofaa Magaalaa Walisoo Obbo Asfawu Olumaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif akka ibsanitti, balichaan meeshaaleen dheedhii warshichaa, konkolaattoonni fi manni namoota dhuunfaa barbaadaa’eera.

Hojjettoota balaa Ibiddaa 5 irraa miidhaan qaamaa salphaan qaqqabuus eeraniiru.

Ka’umsi balicha qoratamaa jiraachuu himaniiiru.

Tsahaay Gulummaatu Gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.