Balaa Ibiddaa Loos Anjelesitti mudateen lakkoofsi namoota du’anii 24 qaqqabe
Finfinnee, Amajjii 5, 2017 (FMC) – Balaan Ibiddaa Ameerikaa kutaa Bulchiinsa Kaaliifoorniyaa magaalaa Loos Anjelesitti mudate hanga ammaatti lubbuu nmoota 24 galaafachuu ibsameera.
Balaa kanaan manneen jireenyaa fi Gamoowwan kumni 12 guutummaatti barbadaa’uu gabaafameera.
Lammiileen kumni 100 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Reuters gabaaseera.
Jiraattoonni kumni 87 naannawaa jireenya isaanii gadii lakkisanii ba’uuf akka of qopheessan Bulchiinsi Magaalaa Loos Anjeles akeekkachiiseera.
Hojjettoonni Ittisa Balaa Ibiddaa kumni 14 ol Xiyyaara 84’n deeggaramuun balicha to’achuuf hirmaannaa olaanaa taasiisaa jiraachuu himameera.
Balichi hanga ammaatti qabeenya Doolaaraa biiliyoona kuma 100 fi kuma 50 ta’u barbadeessuu eerameera.
#Oromia #Ethiopia