Balaa Ibiddaa iddoo addaa Minaalesh taraa jedhamuun beekamutti mudateen suuqiwwan 41 fi manneen jireenyaa 4 barbadaa’an
Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Balaa Ibiddaa iddoo addaa Minaalesh taraa jedhamuun beekamutti mudateen Suuqiwwan 41 fi manneen jireenyaa 4 barbadaa’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa beeksiise.
Balaa Ibiddaa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa aanaa1tti mudate kanaan qabeenya barbaada’e dabalataan namoota 6 irra miidhaan qaamaa salphaan qaqqabuu ibsameera.
Balaa guyyaa har’aa naannoo sa’aatii 7:26tti mudate kanaan Suuqiwwan 41 fi Manneen Jireenyaa 4 barbadaa’uu EBCn gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.