Fana: At a Speed of Life!

Balaa Ibiddaa Dirree Dhawaan lammiileen miidhaman akka tumsaman waamichi dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2016 (FBC)-Giddugala Gabaa Ashawaa Dirree Dhawaatti balaa ibiddaa guyyaa kaleessaa mudateen lammiilee miidhaan irra ga’e dandamachiisuuf hirmaannaa qindaa’aan akka taasifamu waamichi dhiyaate.

Sadarkaa Ministira Muummee Ittaanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsaa Sirna Diimookiraasii fi Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah fi Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii Giddugala Gabaa Ashawaa Dirree Dhawaaatti miidhaa balaa Ibiddaan qaqqabe daawwataniiru.

Daawwannicharratti Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, lammiilee balichaan miidhaan irraa ga’e waarinaan dandamachiisuuf hirmaannaa barbaachisa.

Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaas hojii deebisanii dandamachiisuu eegaleef qaamoleen hunduu akka deeggaran waamicha dhiyeessuu Miidiyaan Naannoo Hararii gabaaseera.

Obbo Ordiin gama isaaniin tattaaffii bulchiinsi Magaala Dirree Dhawaa lammiilee dandamachiisuuf taasisaa jiru mootummaa naannichaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.