Balaa ibidda bosonaa iddoo garaagaraatti qaqqabe dhaamsuuf qaamni hundi hirmaannaa akka taasiisu waamichi dhiyaate
Finfinnee, Bitootessa 18, 2013 (FBC) – Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa balaa ibidda bosonaa iddoo garaagaraatti qaqqabe dhaamsuuf qaamni hundi hirmaannaa akka taasiisu waamichi dhiyeesse.
Yeroo ammaa Bosonni Cilaaloo, Herer, Jibaat Asabootii fi Botor xoollaay sababa rakkoo uumamaa fi nam-tolcheedhaan gar-malee gubachaa jiraachuu biirichi beeksiiseera.
Abidda kana dhaamsuufis qaamoleen hawaasa adda addaa tumsa taasisaniin kan Ereer, Asabootiifi Xoollaay Botor sadarkaa to’achuurra kan gahe yoo ta’u, qaamolee tumsa taasiisan Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa galateeffateera.
Gubanannaa Bosona cilaaloofi Jibaat humnaa ol cimaa dhufuu isaan qaamoleen hawaasaa hundi, ogeeyyii fi caasaan mootummaa dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuun akka irratti hojjetan waamicha dhiyeessera.
Taatewwan kana kanneen nam-tolcheen uumaman qorachuun tarkaanfiin kan fudhatamu yoo ta’u, sababa ho’iinsi dabalaa jiruun karaa uumamaan kanneen dhufanis hawaasni meeshaalee aadaa ittiin abidda kana to’achuun danda’amu qabachuun tumsa akka goodhan dhaamsa dhieessera.
Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaas rakkoo kana to’achuu fi akka gara bariittas hin baballanneef xiyyeeffannoo olaanaadhaan qaama dhimmi ilaallatu waliin qindaa’uun hojii hojjechaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu himeera.
Mootummaa fi caasaaleen sadarkaan jiran hawaasa waliin ta’uun qindoominaan hojii to’annoo abiddaa kanarratti jalqabame cimsanii akka itti fufaniif waamicha kabaja dabarseera.
Biirichi balaa uumame to’achuuf hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaallate waliin xiyyeeffannoo addaan kan hojjetu ta’uu ibsuu isaa ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa biirichaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.