Fana: At a Speed of Life!

Balaa duursanii eeruu fi ittisuurratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Balaa duursanii eeruu fi ittisuurratti waltajjiin taa’amaa jira.
 
Koomiishiniin Bulchiinsa Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa waltajjicha qopheessuun qooda fudhattoota waliin mari’achaa jira.
 
Waltajjicha koomiishinichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Balaa Hir’isuu Afrikaa (UNDRR) fi Dhaabbata Qorannaa fi Faawundeeshinii “CIMA” waliin kan qopheessedha.
 
Hojiileen balaa hir’isuu, amala balaa, saaxilamummaa, dandamannaa hubachuurratti kan hundaa’edha.
 
Marichi balaa hir’isuudhan biyyattiitti hawaasa balaaf hin saaxilamne uumuu, gogiinsan balaa mudatu hir’isuu, lolaa, sigigaa fi kirkira lafaarratti eeruu argamuun duursanii qophaa’uun balaa mudaturratti qophaa’uu fi qabeenya uumamaa biyyattii to’achuu kan dandeessisudha.
 
Imaammataa fi tarsiimoon gama kanaan ba’us beekumsarratti kan hundaa’e akka ta’u gargaara jedhameera.
 
Waltajjichi guyyootii 5f kan turu yammuu ta’u, hayyoonni hirmaachaa jiru.
 
Taggaayee Niguustu gabaase.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.