Balaa birmadummaa biyyaarratti aggaamamu qolachuuf baayyee hojjechuutu nurra jira- Dooktar Abrahaam Balaay
Finfinnee, Amajjii 1, 2014 (FBC) – Balaa birmadummaa biyyaarratti aggaamamu qolachuuf baayyee hojjechuutu nurra jira jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay.
Dooktar Abrahaam kan kan jedhan haasaa baniinsaa sirna eebba gamoo waajjira olaanaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarratti taasisaniini.
Ityoophiyaan bara baraan waraanota diinota ishee keessaa fi alaan irratti banaman qolachuun birmadummaashee kabachiistee har’a ga’uu kaasaniiru.
Dhaaloonni ammaa Birmadummaa Biyya isaanii kabachiisuu keessatti hojii abbootiin isaanii hojjetan yeroo itti irra deebi’uun mirkaneessan ta’uu eeraniiru.
Hojiin Birmadummaa biyyaa kabachiisuu milkaa’inaan xumuramuu ilaalchisee hoggansi Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad kennan yeroo kamiyyuu irraanfatamuu hin qabu jedhan.
Gara fuula duraattis birmadummaa biyyaa cimsuuf humna , ga’umsaa fi hojiimaata Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.