Fana: At a Speed of Life!

Balaa ayyaana Cuuphaa Goondar irratti ga’een lubbuun namoota 10 darbuun himame

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas maatii namoota kabaja ayyaana Cuuphaa Goondar irratti lubbuu isaanii dhabaniif jajjabina hawwan.

Ayyaana Cuuphaa Goondaritti kabajamerratti kortoo fi waltajjiin mukarraa tolfame jiguun balaa ga’een lubbuun namoota 10 darbuu Hoospitaalli Riifaraalii Yuunvarsiitii Goondar beeksise.

Guyyaa kaleessaa sirna kabajaa ayyaana Cuuphaa irratti keessummoota hirmaataniif kortoo fi waltajjiin qophaa’e jiguun lubbuun namoota 10 yoo darbu, walii gala namoota 250 irra miidhaan qaqqabuu hoospitaalichi beeksiseera.

Balicha ilaachisee ibsa hoospitaalichi laaten namoota miidhamanii gara hospitaalaa galan 250 keessaa lubbuun namoota 10 darbuu ifoomsera.

Daayreektarri meedikaalaa hoospitaalichaa Dooktar Ashannaafii Taazzabaa ibsa laataniin, namoonni miidhaman baayy’en isaanii yaalamuun gara mana isaanii yoo deebi’an, 80 ammallee yaala irra jiraachuu himan.

Namoota hoospitaala keessa jiran keessaa 13 miidhaa cimaan irra ga’ee yaaliin barbaachisu godhamaafii jiraachuu Dooktar Ashannaafiin ibsaniiru.

Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas maatii namoota kabaja ayyaana Cuuphaa Goondar irratti lubbuu isaanii dhabaniif jajjabina hawwaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.