Fana: At a Speed of Life!

Bakki kabajaa ayyaana daamaraa addabaabaayii masqalaa qulquleeffame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2013 (FCB)- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti bakkii kabajaa ayyaana daamaraa addabaabaayii masqalaa qindeessummaa yaa’ii dhaabbilee abbootii amantaan qulqulleefameera.

Proojaktiin addabaabaayii maskalaa kabajaa ayyanichaaf mijataa taasisuuf har’a ganama kan ququlleeffame.

Hojii qululleessuu kanarratti qindeessummaa yaa’ii dhaabbilee abbootii amantaa, dargaggoonni tola ooltotaa fi hojjattoonni qulqullina magaalaa Finfinnee hirmaataniiru.

Ayyannichi kallattii bulchiinsi magaalichaa ka’een namoota muraasan akka kabajamu ibsameera.

Itti gaafatamaan waajjira kantiibaa fi dhimmoota kaabinee obbo Efreem Gizaaw, addabaabaayiin maskalaa kabajaa ayyaana daamaraaf qophii akka ta’uuf qamoolee hirmaatan galateefataniiru.

Amantoonni yeroo ayyanicha kabajaatan vaayrasii koroonaarra akka of eegan akeekkachisaniiru.

Addabaabaayichatti farrii keemikaalaa biifamu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.