Fana: At a Speed of Life!

Bakki bultii Taabotaa Hurufa Boombii (Jaanmeedaa) qulqulleefame

Finfinnee, Amajjii 6, 2015 (FBC)- Ayyaana Cuuphaa Roobii fi Kamisaa dhufu kabajamu ilaalchisuun bakki bultii Taabotaa Hurufa Boombii (Jaanmeedaa) mata duree “Jaanmeedaa Gamtaan Cuuphaaf” jedhuun qulqulleeffameera.

Sagantaa kanarratti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebee dabalatee, abbootiin amantaalee, kutaaleen hawaasa garaagaraa hirmaataniiru.

Hundu ayyaanicha caalamaan akka miidhaguuf maqaa gaarii Ityoophiyaa addunyaatti akka argisiisan taasisuuf garaagarummaa tokko malee argamneerra jedhan saganticha kan jalqabiisan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebe.

Iid Alfaxiir Isaatadiyamiitti wayita kabajamu manneen amantaa hundi qulqulleessaniiru; akkasumas bakka Ayyaanni Cuuphaa itti kabajamu hunduu waloon ni qulqulleessina kan jedhan ammoo Bakka Bu’aan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Sheek Sammaa Maahaammadi.

Dabalataan ayyaanni kun ayyaana amantii tokkoo qofa utuu hintaane hambaa hundaa keenyaa waan ta’eef nagaan akka kabajamu tumsaa ni taasifna jedhaniiru.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.