Fana: At a Speed of Life!

Bakkeewwan garee shororkeessaa ABUTiin qabamanii turan haala boonsaa ta’een gadhiisisuun danda’ameera-TKM

Finfinnee, Muddee 16, 2014 (FBC)- Bakkeewwan garee shororkeessaa ABUTiin qabamanii turan bilisa ba’uu hordofee lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an gara qe’ee isaaniitti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan tajaajila Kominikeeshinii mootummaa Salaamaawit Kaasaan ibsaniiru.

Hojiin Yakkamtoota seera duratti dhiyeessuu kan hojjetamu ta’uu ibsa guyyaa har’aa laataniin ibsaniiru.

Miidhaa namoomaa fi qabeenyarra ga’e gareen  qoratu gara naannolee Amaaraa fi Afaaritti  ergamuu kaasaniiru.

Gochaaa garee shororkeessaa ABUTiin lubbuun lammiilee nagaa baduu, qaamni miidhamuu, yakki gudeeddii raawwatamuu, lammiileen qe’ee fi qabeenyarraa buqqa’uu, qabeenyi barbadaa’uu, ragaaleen garaagaraa baduu yaadachiisaniiru.

Gareen bobba’e kunis yakkoota kana hunda kan qoratu ta’uu kaasaniiru.

Naannoo Amaaraatti garee hedduun bobba’uu ibsuun jala jalaan bakkeewwan bilisa ba’an haala ilaaluun danda’amurratti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Magaalaa Shawaa Roobiit dabalatee magaalota naannoo Amaaraatti godina Shawaa Kaabaa jala jiran aanaalee 10, Walloo Kibbaa aanaalee 8, Godina addaa saba Oromoo, Dasee fi Kombolchaa, Gaashanaa dabalatee aanaalee godina Walloo Kaabaa jala jiranitti bobba’anii daawwannaa jiraachuu ibsaniiru.

Gareewwan kunneen gara Waagumraa fi Waldiyaatti imaluun daawwanaa eegaluu kaasaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.