Fana: At a Speed of Life!

Bakkaa fi naannawaa maqaan nama guddaa yaadatamutti Ashaaraa Magariisaa dhaabuun hiika olaanaa qaba-Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC)- Bakkaa fi naannawaa maqaan nama guddaa yaadatamutti Ashaaraa Magariisaa dhaabuun hiika olaanaa qaba jedhan Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamagsgeen xurunaan.

Obbo Tamsageen Xurunaan, Magaalaa Dirree Dhawaa Paarkii Alii Birraatti sagantaa Asharaa Magariisaan Biqiltuu dhaabaniiru.

Naannawaan Dirree Dhawaa haala qilleensaa hoo’aa akka qabuu yaadachiisanii haallii qilleensaa kun mijataa ta’ee akka itti fufuuf biqiltuuwwan baay’inaan dhaabuun barbachisaadha jedhan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaan biqiltuuwwan biiliyoona 7.5 dhaabaman keessaa %40 kan ta’u naannawaa yaa’a Hidha Haaromsaa kan dhaabamu ta’uun adda akka taasisu ibsan.

Kunis Laga Abbayyaa fi Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoopiyaa eeguuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbatan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar gama isaaniin, raawwii sagantaa Ashaaraa Magaariisaan wabii nyaataa mirkaneessuufis ta’e balaa lolaa naannwichaa miidhu fi jijjiirama qabeenyaa qilleensaa ittisuuf, bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu himan.

Hanga ammaattis bulchiinsa magaalichaatti biqiltuu miiliyoonni 1.5 dhaabamuu fi fuulduratti duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 1 dhaabuuf qophiin taasifamuu akeekan.

Biqiltuuwwan kuma 200 Jibuuttiitti erguuf qophaa’uus eeranii, jijjiirama qabeenya qilleensaa naannawaalee ollaa waliin ittisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Fireehiiwot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.