Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutoota Waldaa Weelliftoota Sudaan waliin mari’atame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Kaartumiitti ambaasaaddarri guutuun Ityoophiyaa Yibalxaan Ayimroon dhimmoota waqtaawaarratti Bakka buutoota Waldaa Weelliftoota Sudaan waliin mari’ataniiru.
Preezdaantii waldichaa Hayidar Hamiit, miseensoota waldichaa Imaad Huseenii fi Siidiiq Moohii waliin marii taasiisaniiru.
Hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaatti cimsuuf ga’een ogeeyyii aartii olaanaa ta’uu Ambaasaaddar Yibalxaan Ayimroon ibsaniiru.
Sudaanitti Imbaasiin Ityoophiyaa Waldaa Weelliftootaa kana waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun hariiroo ummattoota biyyoota lamaaniin guddisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Ambaasaaddar Yibalxaan Ayimroon hariiroo waqtaawaa Ityoophiyaa fi Sudaan keessattuu dhimma daangaa waloo fi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaarratti ibsa taasiisaniiru.
Bakka buutoonni Waldaa Weelliftoota Sudaan gama isaaniin ummattoota biyyoota lameenii gidduu hariiroo bara dheeraaf ture caalmaatti cimsuuf ogummaa qabaniin Imbaasicha waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Sudaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.