Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutoonni paartilee siyaasaa biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 15, 2016 (FBC) – Bakka buutoonni paartilee siyaasaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin erga mari’atanii booda biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.

Sagantichi mata duree ‘Biyya dhaabdu, dhaloota waaressu’ jedhuun gaggeeffameera.

Hojiin Ashaaraa Magariisaa hojii qaama tokkoo osoo hin taane tumsa lammiilee Itiyoophiyaa hundaa kan kan gaafatu ta’uu miseensonni paartilee morkattootaa saganticharratti hirmaatan himaniiru.

Yeroo itti aanus dhimmoota misooma biyyaarratti tumsaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.