Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutoonni kutaalee Hawaasaa yaada ajandaa walitti qabuurratti mari’ataa jiru

Finfinnee, Caamsaa 22, 2016 (FBC) – Boqonnaan marii jalqabaa Maree Biyyaalessaa Magaalaa Finfinnee oolmaa isaa guyyaa 2ffaan itti fufeera.

Bakka buutoonni kutaalee hawaasaa gareen qoodamuun yaada ajandaa walitti qabuurratti marii taasiisaa jiru.

Adeemsichaan kutaaleen hawaasaa hundi yaada ajandaa keenya jedhanii fi itti waliigalan caalmaatti cimsuun Qaboo Yaa’iin Komishinichaaf ni dhiyeessuun eegama.

Sagantaa har’a waaree booda gaggeeffamuun kutaaleen hawaasaa mariirratti argaman bakka buutoota marii boqonnaa itti aanurratti hirmaatan 121 ni filatu jedhame.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.