Fana: At a Speed of Life!

Baha Ityoophiyaatti koreen waliinii tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisu hundeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) –  Baha Ityoophiyaatti koreen waliinii tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisu hundeeffame.

 

Naannooleen Baha Ityoophiyaatti argamanii fi bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa vaayrasii koroonaa ittisuuf koree waliinii hundeessan.

 

Baha Ityoophiyaa kan daangessan hoggamntoonni fayyaa naannoo Somaalee, Affaar, bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa fi naannoo Oromiyaa vaayrasii koroonaa ittisuuf waliigalaniiru.

 

Deettaan Ministira Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa bakka argamanitti magaalaa Dirree Dawaatti hoggantoonni erga mari’atanii Koreen waliinii hundaa’eera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.