Fana: At a Speed of Life!

Baha Ityoophiyaatti dabbabarsa nyaataa fi qorichoota seeraan alaarratti to’annoo cimaan ni barbaachisa jedhame

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Baha Ityoophiyaatti dabbabarsa nyaataa fi qorichoota seeraan alaarratti to’annoo cimaan akka barbaachisu koreen dhaabbii dhimmoota dubartoota, dargaggootaa fi hawaasummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI hubachiise.

Korichi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti Abbaa Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Riijinii Bahaatti Eejansii Fandii Qorichaa fi Dhiyeessii damee Dirree Daawaa daawwateera.

Baatiiwwan 6n darbanitti to’annoo taasiifameen, qorichoonnii fi nyaataaleen qulqullina hin qabnee fi yeroon tajaajilaa isaanii irra darbe gabaa irraa walitti qabuu fi oomishaaleen ‘FAFA’ daana’oon nyaataman deeggarsaaf dhiyaachaa jiran tooniin 380 hojii irra akka hin oolle taasifamuun ibsameera.

Keessattuu nyaataaleen akka acheettoo, dammi, ashaboon ayoodinaa fi ruuziin tajaajila ala ta’an baayy’inaan yeroo gabaa irra oolaan to’amu himameera.

Qorichoonni seeraan ala suuqota shaqaxaa shaqaxaa keessattii fi maqaa dhaabbilee 5niin Eejansii Fandii Qorichaa fi Dhiyeessa damee Dirree Daawaa bahanii mana qorichaalee dhuunfaatti yeroo gurguraman to’atamuu ibsameera.

Maqaa Hospitaalaanis eejansichaa ba’uun mana kuusaa qorichaa dhuunfaatti yeroo gurguraman qabamuu koreen kanaaf ibsameera.

Qorichoonni hedduun ammoo kuusaa keessatti seeraan kaa’amuu dhabuun tajaajila ala ta’uu isaanii koreen kun daawwateera.

Naannichaatti qorichoota fi nyaata seeraan ala daddabarfamaa jiran hambisuuf hodoffii fi to’annoo cimaan akka barbaachisu miseensoonni koree kanaa hubachiisaniiru.

Qajeelfama irratti hanqinni yoo jiraate, koreen kun qorachuun qaama dhimmichi ilaaluuf dhiyeessuun furmaanni waaraa akka itti laattamuuf tattaaffii kan taasisu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarra argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.