Fana: At a Speed of Life!

Baga waggaa 11ffaa dhagaa bu’uuraa ijaarsa proojektii Hidha Haaromsaa Guddichaa itti kaa’ameen isin gahe-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC)- Itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokkonniin waggaa 11ffaa dhagaa bu’uuraa ijaarsa proojektii Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaatti kaa’amee ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Obbo Dammaqaan yaadannoo dhagaa bu’uuraa kaa’u waggaa 11ffaa ijaarsa proojektii hidha haaromsaa guddichaa Ityoophiyaatiif bagattiin isin gahee jechuun dabarsaniiru.

Waggoottan dheeraaf lagni abbaay dhangala’aa kan ture yoo ta’u, yeroo amma garuu misooma biyyaa keenya dhugoomsuuf qaqqabuun baga guyyaa seenaa qabeessa kanaan nu gahe jedhaniiru.

Proojektichi erga dhagaan bu’uuraa kaa’amerra eegalee hidhichi adeemsa ijaarsa murteessoo ta’an keessaa darbuun yeroo amma kana gara boqonnaa humna jalqabaa maddisiisuutti ce’eera jedhaniiru.

Ijaarsa proojektichaaf deeggarsi hunda galeessaa lammiilee biyyaatti, cimina hoggansa mootummaa, lammiilee diyaaspooraa akkasumas hoggantoota proojektichaa fi ogeeyyiin tumsa taasisaniif hedduun kan dinqisiifatamuu fi boonsaadha jedhaniiru.

Obbo Dammaqaan kanis maqaa mootummaa keenyaa fi uummattootaatin galataa fi kabajakoo ibsuun barbaada jedhaniiru.

Ijaarsa yeroo itti aanuutti hafeef ammoo bu’aa gaarii argamsiisuuf deeggarsu baldhaan hawaasaa karaa fooyya’aa ta’een cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.