Fana: At a Speed of Life!

Baga guyyaa dhaloota Yesuus Kiristoos Nagaan Geessan- Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC) ­­-Pireezidaantiin Mootummaa Oromiyaa Shimallis Abdiisaan guyyaa dhalachuu Yesuus Kiristoos Sababaeeffachuun erga baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, duudhaan Waaqayyo ilma namaa bade ittiin barbaades ulfina dhiisanii gadi bu’uu, araara labsanii dallaa jibbiinsaa diiguu, riqicha jaalalaa ijaaranii gara iddoo nagaafi boqonnaatti wal ceesisuun isa hamaa gaariin mo’uu akka ta’e qabatamaan baranneerra jedhan.

Guutuun Ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.

Ilmi namaa akka bifaafi fakkeenya Waaqaatti uumame; ulfinaafi simbo qabeessas ture.

Waaqayyo dhala namaa ofii isaatti aansee uumuu qofa osoo hin taane uumamoota biroo hundas akka kunuunsuufi bulchuuf aangoofi ergama seeraaf sirna waliin kenneefii nagaattis akka jiraatuuf kan isa eebbise ta’uu macaafa qulqulluutu dhugaa ba’a. Aangoofi ergama guddaa waliin uumamuu isaa cinattis ilmi namaa kan kabajaaf ulfina qabu, dhaga’ee wal hubatuufi mari’atees waliigalu ta’uu isaatu uumamoota biroo irraa adda isa taasisa.

Daabiloos faallaan hojii gaariifi ilma namaa garuu kabajaafi jaalala ergama addaa waliin ilmi namaa uumaasaa biraa gonfatetti inaafuun olka’iinsa irra jiru irraa gad isa buusuuf shira shire. Ilmi namaas shirichaan toosifamee daandii seermaleessummaa hordofuun olka’iinsa haaraa dabalachuuf kufaatii hamaa keessummeesse. Kanaanis walitti dhufeenya uumaa isaa waliin qabu dhabee garbummaa mootummaa Daabiloos jala galuun Jaannabaaf kaadhimamee jooraafi jaawwaraa ta’ee imala jireenya gadadoon guute jiraachuu itti fufe.

Waaqayyos ilma namaa fakkaattii isaan uummate kufaatii araara hin qabne kufee akka hafu waan hin barbaanneef harka araaraa diriirsee balbala Jannataas banee ilma namaa bade barbaacha nama ta’ee mul’achuun birmadummaa deebi’ee hin banne gonfachiisuuf murteesse. Murtee kanaafis amanamee sagaleen raajii abdii hordoftoota Amantaa kiristaanaa baroota baay’eef eegamaa ture erga dhugoomee har’a waggoonni 2017 lakkaa’amaniiru. Dhalachuun goftaa Iyyesuus mallattoo dhiifamaa, araaraafi kakuu diigamee ture kan haaromse ce’umsa dukkana irraa gara ifa bara baraatti; imala gara Jaannabaa irraa gara Jannata Edenitti geessuuf kan balbala banedha.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa kan biyya keessaafi ala jiraattan hundi baga guyyaa seena qabeessa ulfinaafi kabajaan guute guyyaa yaadannoo dhalachuu Iyyesuus Kiristoos kan bara 2017 nagaan geessan baga waliin geenye jechuun barbaada.

Dhalachuun isaa Daabiloosiin abdii kan kutachiise, birmadummaa ilmoo namaa deebisee kan labseefi mallattoo kakuu haaraa uumaafi uumama walitti araarse ta’uus macaafni qulqulluun dhugaa ba’eera.

Daandiin jaalala, obsaan danda’uufi tokkummaa deebisanii ijaaruun guutame kun aarsaa guddaan kan argame ta’us araaraafi dhiifamaan kan goolabamedha.

Duudhaa guddaan kun hordoftoota Amantaa Kiristaanaa birattis ta’e jireenya ilmoo namaa keessatti kabajaafi ulfina guddaa kan qabudha.

Kana malees, guyyichi Oromoo biratti Ayyaana dachaa bifa aadaatiinis Qilleen kan taphatamudha.

Aadaan tapha Qillee dorgommii miira namaa hawwatu jaalala ijaaree tokkummaa jabeessu, jibba fageessee hawaasummaa tiksudha. Kanaaf guyyichi xinnaafi guddaa biratti kabajaafi ulfina qaba.

Duudhaa gaarii kana gonfanneefi biyya amantaa garaa garaa jaalala, tokkummaafi araarri keessatti barsiifamu taanee maalif maraammartoo wal waraansaa keessaa ba’uu dadhabnee? Maalif kabaja ilma namaaf malu gonfachuu hanqannee? Imala nagaa waaressuu lagannee maalif waraana filannee? Gaaffiiwwan akka sabaattis ta’e akka biyyaatti hundi keenya itti yaaduufi deebii kennuu qabnudha.

Duudhaan Waaqayyo ilma namaa bade ittiin barbaades ulfina dhiisanii gadi bu’uu, araara labsanii dallaa jibbiinsaa diiguu, riqicha jaalalaa ijaaranii gara iddoo nagaafi boqonnaatti wal ceesisuun isa hamaa gaariin mo’uu akka ta’e qabatamaan baranneerra.

Jireenya dhugaa kana jiraannee gadoofi gadadoo lagannee dhiifamaa fi araara gochaan agarsiisuu qabna.

Kanaafis uummanniifi mootummaan keenya nageenya waaressuufi araara waliigalaa mirkaneessuuf harka araaraa diriirsinee; balbala nagaas bannee fageenya barbaadamu caalaa deemnee jirra.

Kanaanis naannoo keenyatti ejjennoo wal waraansa irraa gara nageenya waaraatti biyya ceesisuuf eegalleen milkaa’inootni akka sabaatti gonfachaa jirru daandii milkaa’inaa irra akka jirruuf ragaa guddaadha. Dhugaan hunda keenya waliigalchu uummanni keenya waraanni nu ga’eera; araaramaa jechuu isaati.

Kanaafis ulfoo isaa qabatee walwaraansa hooddatee harka bal’isee akka seeraa fi sirna isaatti kadhoo taasisaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii uummata isaa eyyantaa guutuun fudhatee Qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo gaaffii nagaa simatan wajjin waliigaltee nagaa mallatteessuun boqonnaa haaraan saaqamuu danda’eera.

Qilleensi nagaas bubbisuu eegaleera.

Qondaaltonniifi miseensonni waraana Bilisummaa Oromoo Qawwee gadi qabanii gaaffii araaraa simatan isaan dhugumaan gootota yeroo hundaati. Gaafa diinni jibbiinsa Oromoofi sabootaan machaa’ee keessaafi alaan ilkaan nutti qaratu; roorroo uummataa ofirraa deebisuuf tokkummaa jabeessuuf araaraan uummatatti makamuu caalaa aantummaafi quuqama mul’isuu kan ga’u hin jiru.

Akka sabaattis ta’e akka biyyaatti nagaa waaraa, diimokiraasii ijaaruufi dinagdee itti fufiinsa qabu milkeessuutu nu barbaachisa.

Kanaafis aarsaa barbaadamu hunda kaffallee fageenya barbaadamu hunda imallee nagaan akka waara’uuf ni hojjenna.

Waaqayyo uumaan waaqaafi lafaa abbaan nageenyaa, araaraafi jaalalaan guutes nu gargaara.

Madda galaana walwaraansaa gogsinee shirtootaaf shira isaanii qolannee imala keenya gara olka’iinsaatti taasifnu ni milkeessina.

Har’a akkuma ergamaa kufe sanaa warri deebi’anii ka’uu dadhabuu isaaniif abdii kutan gabaa siyaasni isaanii keessatti rakase deebisanii ho’isuuf ajandaa du’e waliin boo’aa oolanii boo’aa kan bulan argaa jirra.

Galmi isaanii ati kufi ani nan deemaa, ati du’i ani na mo’aa; aarsaa ati kaffaltuunan galma ga’a kan jedhu fedhii dhuunfaan kan machaa’eefi galma milkaa’u kan hin qabne ta’uu isaani uummanni keenya hubateera.

Ammas mootummaafi uummanni keenya laphee nagaaf of kennee araara filate waraanas hooddateef; harka diriirsee balbala banee dhiifamaan simachuu itti fufa.

Akka duudhaafi safuu keenyaattis ta’e barsiisa Amantaa kiristaanaafi kanneen birootti gadoofi gadadoon qaanii, wal waraansi badii araarri mo’aadha.

Kanaaf boqonnaa haaraa saaqamee qilleensa nagaa bubbisuu eegale waliin dhaabbannee nagaan hundaaf akkuma ta’e hundis nagaaf akka dhaabbannu waamicha koon dhiyeessa.

Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa akkuma walwaraansa keessaa ba’uuf halkaniifi guyyaa hojjechaa jirru maraammartoo hiyyummaa keessaa ba’uufis dagannaa tokko malee carraa naannoon keenya qabu hunda daguugnee fayyadamuun imala jalqabne cichinee milkeessuuf hojjechuu qabna.

Hojii misoomaa jalqabneen milkaa’ina gonfachaa jirra.

Waktii Bonaa keessa Qamadii oomishuu jalqabneen bakka hundatti babal’isuuf hojiin hojjetame milkaa’adha.

Hojii roga hundaan eegalle cimsinee itti fufuun gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ni ceena.

Kanaaf naannoo keenyatti karooraan hogganamnee yeroo hunduu qulqullina, baay’inaafi ariitiin oomishuu kan oomishne irraas qusannee ofiif biyya keenya jijjiirru ta’uu qaba.

Bona kanas copha bishaaniifi jal’isii jiru fayyadamnee oomishuu cimsinee itti fufna.

Bakka hundatti xaa’oofi sanyii filatamaa ni dhiyeessina, ifaajii uummanni keenya taasisu hundas ni milkeessina.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundi duudhaafi barsiisa gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa dhaalleen dhiifama waliif gochuu, kan kufe kaasuu, kan beela’e nyaachisuu, jaalala qajeelummaa qabu walii keenyatti agarsiisuun Ambaasaaddara nagaa taatanii hojjechuu akka qabdan dhaamaa guyyichi kan nagaa, gammachuufi milkaa’inaa hunda keenyaaf akka ta’un hawwa.

Oromiyaa ni ijaarra;

Itoophiyaa ni utubna;

Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;

Waaqayyos nugargaara.

Shimallis Abdiisaa,

Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Muddee,2017

Finfinnee

 

#Oromia #Ethiopia

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.