Fana: At a Speed of Life!

Badii Hamaas raawwateen lammiileen Filisxeem adabamuu hin qaban – Antooniyoo Guutareez

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC) – Badii Hamaas Isiraa’eel irratti raawwateen lammiileen Filisxeem adabamuu hin qaban jedhan Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez.

Gochaa suukaneessaaf deebii suukaneessaa kennuuf jecha Isiraa’eel yakka sarbama namoomaa raawwachaa jiraachuu Antooniyoo Guutareez ibsaniiru.

Lammiileen Filisxeem bu’uuraalee jireenyaa argachuu osoo hin taane mirgi lubbuun jiraachuu isaanii gaaffii keessa galuu eeraniiru.

Gaazaa keessatti iddooleen kamiiyyuu sodaa nageenyaa ta’uu eeruun, dhimmichi daraan yaaddessaa ta’aa jiraachuu ibsaniiru.

Ummanni Gaazaa waa hunda dhabuun beelaan dhumaa jiraachuu kaasaniiru.

Kunis waan ta’uu hin qabnee fi gochaa sirrii hin taane jechuun ibsuu isaanji BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.