Fana: At a Speed of Life!

Badhaasni Noobeelii Nageenyaa maqaa gaarii Ityoophiyaa addunyaatti muul’isuuf carraa guddaa fidee kan dhufe jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahima

Finfinnee, Mudde 2, 2012 (FBC) – Badhaasni Noobeelii Nageenyaa maqaa gaarii Ityoophiyaa addunyaatti muul’isuuf carraa guddaa fidee kan dhufe jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy simannaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti taasifameefin booda ibsa laataniiru.

Waldhaggeeffachuu fi jaalala biyyaatin guddina Ityoophiyaaf hojjechuuf carraa kanatti fayyadamuu qabna jedhaniiru.

Badhaasichi akka dhugoomu kan godhan ummata Ityoophiyaa fi Eertiraa, preezdaant Isaayyaas Afawarqis galateeffataniiru.

Muummee ministiraa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yammuu ga’an qondaaltonni mootummaa simannaa taasisaniifiru.

Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnanis simannicharratti Dooktar Abiy Ahimadiif abaaboo laataniifiiru.

Badhaasicha ani fudhadhus Ityoophiyaanota, Eertiraanota, Afrikaanota, preezdaant Isaayyaas Afawarqiifis kan laatame jedhaniiru.

Hiyyeeyyii taanus seenaa fi aadaa qabna; ummata nagayaaf carraaqnu waan taanef carraa seenaan yaadatee hin beekne ittiin yaadachiisnu arganneerra jedhan.

Biyyi teenya dur lammiilee biyyoota kaanifuu da’oo turte; dhawaata seenaan ishee haphachuun irraaffatamaa dhufus, carraa amma argannetti fayyadamnee gamtooman biyya ceesisuuf yaa kaanun waamicha dhiyeessaniiru.

Walgufachiisurra waldhaggeeffachuun, nutis akka kaanii deeggarsa laachuuf yaa tattaaffannu, yaa hojjennu jedhaniiru.

Preezdaant Isaayyaas Afawarqii waliin gammachuu argame kabajuu akka barbaadanis ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.