Fana: At a Speed of Life!

Badhaasni Noobeelii nageenyaa fudhatama Ityoophiyaan qabdu kan guddisuudha- Hayyoota Siyyaasaa

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Badhaasni Noobeelii nageenyaa Muummeen Ministira Dooktar Abiy argatan fudhamata Ityoophiyaan sadarkaa idila addunyaatti qabdu kan guddisu ta’uu hayyoonni siyyaasaa ibsan.

Dhimma kana irratti Proofeesar Mararaa Guddinaa, obbo Leenchoo Lataa fi Dooktar Dasaaleenyi Caannee yaada kennaniin, Badhaasichi Ityoophiyaa fi lammiileen Ityoophiyaaf sadarkaa idila addunyaatti kabajaa fi fudhatama akka argatan ni taasisa jedhaniiru.

Yaa ta’uutii Ityoophiyaan dhiibbaa alaa fi keessaa madaallawaa gochuuf hojii manee guddaatu irraa eeggama jedhan hayyoonni kunneen.

Dooktar Abiy erga gara aangootti dhufanii as sochiin jiru abdii kan qabu waan ta’eef bu’aa caaluuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Imala gara sirna demookiraasiitti taasiifamu milkeessuuf hirmaannaan hundaa murteessaa ta’uu eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.