Fana: At a Speed of Life!

Badhaasni Idil addunyaa “Startup” Itiyoophiyaatti gaggeeffamuufi

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Yaa’iin Badhaasa “Startup” Idil Addunyaa Afrikaa Onkololeessa 14-16, 2016 Godambaa Saayinsiitti gaggeeffama.

Yaa’ichas Ministeerri Hojii fi Ogummaa Inistitiyuutii Misoomaa Interpirinarshiippii Itiyoophiyaa fi Giruuppii Inisheetiivii Innooveeshinii Addunyaa waliin ta’uun akka qopheesse ibsameera.

Ministirri Minsteeraa Hojiifi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil akka ibsanitti, yaa’ichi Itiyoophiyaan damichaan dandeettii qabdu kan itti argisiistudha.

Dabalatan, dandeettii damichaan jiru guddisuuf kan dandeessisuu fi carraa hojii uumuuf haala mijataa akka uumu dubbataniiru.

Yaa’ichi Itiyoophiyaatti “Startup”, hoji uumtota jalqabaa fi interpirinarootaaf dirree mijataa uumuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu himameera.

Waltajjicharratti, hojii uumtonni 80 ol kan argaman yoo ta’u, injifattootaaf badhaasni kan kennamu ta’uunis ibsameera.

Haaluma kanaan kalaqa rakkoo furan dhiyeessan duraan dorgomanii kan injifatan 400 ta’an hojii kalaqaa isaanii fooyyessuun gara oomishaatti akka galan haalli kan mijatuuf ta’uu Aadde Mufaariyaat dubbataniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.