Fana: At a Speed of Life!

Badhaasa Haacaaluu Hundeessaan Artiist Ilfinesh Qannoon Badhaasa umrii guutuu injifatte

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Sirni Badhaasaa Haacaaluu Hundeessaa 3ffaan gaggeeffameera.

Badhaasa kanaaf gosoota Aartii 11 kaadhimamtoonni dorgomaa turaniiru.

Artiist Ilfinesh Qannoon Badhaasa umrii guutuu badhaafamteerti.

Badhaasa wallee filatamaa aadaa Artist Taaddalaa Gammachuu yoo injifatu,Badhaasa Wallee ammayyaa filatamaan Weellisaa Guutuu Abarraan injifateera.

Badhaasa Keeroogiraaferii cimaa bara kanaa Tulluu Hirkoo badhaafameera.

Badhaasa Albama filatamaa waggaa Suraa Boonsaan badhaafameera.

Akkasumas Badhaasa Artiistii Cimaa Haaraa Milkii Jamaal, Daayrektara Cimaa Amansiisaa Ifaa fi Qindeessaa Welluu Cimaa Antenee Tafarraan injifataniiru.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.