Fana: At a Speed of Life!

Badhaafamaa Noobeelii Nageenyaa 2019 muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif booru Finfinneetti simannaan ni taasifamaaf

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Badhaafamaa Noobeelii Nageenyaa 2019 muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif booru Finfinneetti simannaan ni taasifamaaf.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad kaleessa Noorweey Ooslootti argamuun badhaasa Noobeelii Nageenyaa fudhachuun isaanii ni yaadatama.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, muummee ministiraatif booru simannaan ni taasifama.

Simannichas Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi Waajjirri Muummee Ministiraa qopheessaniiru.

Simannichi booru ganama Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletii kaasee amma Masaraa Mootummaatti gaggeeffama.

Itti aanaan hogganaa Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Dheeressaa Tarrafaanis simannichaaf qophiin taasifamuu beeksisaniiru.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee fi godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee simannicharratti akka hirmaatan waamichi dhiyaatera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.