Badhaadhinnni waloo Ityoophiyaa borii kan milka’uu, ariitii fi qulqullinaan oomishuun yoo danda’ame qofa – Pir. Shimallis
Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Badhaadhinnni waloo Ityoophiyaa borii kan milka’uu, ariitii fi qulqullinaan omishuun yoo danda’ame qofa jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Heddumina akaakuu oomishaa fi baay’ina al-ergii keenyaa dabaluuf ganna kanatti lafa hektaara miiliyoona 8.2 Sanyii midhaan garagaraatin uwwisuuf karoorsinee hojjechaa jirra jedhan
Inisheetiivii haaraa oomisha qamadiitiin ganna kana qofatti lafa hektaara miiliyoona 2.2 sanyii qamadiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Milka’ina kanaaf gahee guddaa bahachaa kan jiran qonnaan bulaafi ogeessota misoomaa galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.