Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhinni wantoota hojjetamuuf karoorfaman dhugoonsuudha – Aadde Loomii Badhoo

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Sulultaatti Proojketoonni misoomaa garaagara Baajata mootummaa fi hirmaannaa ummataa Birrii biiliyoona 1.2 oliin hojjetaman eebbifamaniiru.
Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoon Magaalaa Sulultaatti argamuun Proojektoota manneen barnootaa, Riqichaa, Dallaa Oolmaa dargaggootaa fi iddoolee magariisaa eebbisiisaniiru.
Proojektoota eebbifaman keessaa manni barumsaa Ifaa Boruu Laga Dabboo sadarkaa 2ffaa, Ifaa Boruu Malkaa Hayyuu sadarkaa 2ffaa, manni barumsaa Wasarbii, Riqichii Koottaa, Dallaa Oolmaa dargaggoo fi naannoo Magarisaa Shufnee isaan muraasa ta’uu ibsameera.
Aadde Loomiin haasawa saganticharratti taasiisaniin Badhaadhinni wantoota hojjetamuuf karoorfaman dhugoonsuudha jedhan.
Sirnicharratti Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo dabalatee Kaantibaan magaalaa suluultaa obbo Salamoon Abbabaa fi hogantoonnii mootummaa naannoo fi magaalichaa argamaniiru.
Jamiilaa Jamaaltu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.