Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhinni qormaatilee gurguddoo keessatti hundaa’us injifannoowwan jajjabaa galmeessaa jira – Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Badhaadhinni qormaatilee gurguddoo keessatti hundaa’us injifannoowwan jajjabaa galmeessaa jiraachuu Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan waltajjii ummataa magaalaa Adaamaatti gaggeeffame dursaniiru.
Gaaffii fi yaada ummataa waltajjicharratti ka’eef ibsaa fi deebii laataniiru.
Badhaadhinni nageenyaa fi tasgabbii ummataa mirkaneessuuf, guddinaa Diinagdee milkeessuu fi qaala’iinsa jireenyaa fooyyessuuf cimee hojjechaa jiraachuu Preezdaant Shimallis ibsaniiru.
Rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuu, Hannaa fi saamicha dhabamsiisuuf murannoon ni hojjenna jedhan.
Keessattuu rakkoo bulchiinsa gaarii akka naannichaatti jiru hiikuuf hawaasa waliin kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.
Waltajjirratti kan hirmaatan Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhina Naannoo Amaaraa obbo Girmaa Yeshixilaa gama isaaniin murtoo fi kallattiin yaa’ii 1ffaa Paartii badhaadhinaarratti darbe fayyadamummaa ummata mirkaneessuuf qooda olaanaa qaba jedhan.
Ummanni naannoo Oromiyaa tokkummaa biyyaa mirkaneessuu keessatti ga’ee olaanaa ba’aa turee fi jiruuf galateeffataniiru.
Waltajjiin gaggeeffamaa tures ibsa ijjannoo abbaa qabxii torbaa baafachuun xumuramuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Adaamarraa argame ni muul’usa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.