Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka dhugoomuuf hoggansa cimaa horachuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Tokkummaa ilaalchaa fi hojii eeguun baadhaadhina hundagaleessaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kan tattaafatu hoggansa cimaa horachuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Sadarkaa ittigaafatamummaa hundaatti leenjiin hoggantootaaf kennamu kan itti fufe yoo ta’u, guyyoottan dhufanis hoggansa kuma 21 fi 800 oliif leenjiin kan kennamu ta’uun ibsameera.

Paartichi filannoo biyyaalessaa 6ffaan itti gaafatama ummataan itti kenname bahachuuf dandeettii hoggansaa cimsuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan mootummaan raawwii waadaa ummataaf galee qorachuun ciminootaa fi hanqinaaleen jiran adda baafamuu eeranii, hanqinaalee mul’atan guutuu fi hoggansi bu’aa qabeessa akka ta’uu fi qorannoon fedhii gaggeeffamuun leenjichi qophaa’uu ibsaniiru.

Hoggansi haalota jijijjiiramoo addunyaaf akka qophaa’u, hojiilee misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii ga’umsaan akka bahatuuf leenjiin ijaarsa dandeettii barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Kaayyoon leenjichaas hoggansa beekumsaan gabbisuun, ilaalchaa fi miira tajaajiltummaa akka qabaatu taasisuun, ergama isaa ga’umsaan akka bahatu kan tumsu ta’uu himaniiru.

Kanaanis, mata duree “Idaarraa gara Miindaa” jedhuun ajaandaaleen biyyaalessaa fi idil Addunyaa faayidaa qabeessa ta’an qophaa’uu hubachiisan.

Hanga ammaattis marsaa lamaan Leenjiin hoggantoota olaanoo fi giddugaleessaa kuma 13 fi 500 ol leenjii fidhachuu eeruun Onkololeessa 30, 2016 eegalee leenjiin marsaa 3ffaa hoggantoota kuma 21 fi 800 oliif kan kennamu ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.