Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhina Ityoophiyaa dhugoomsuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira-Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)- Paartiin badhaadhinaa paartii gurmaa’ina cimaa uumuu fi mootummaa cimaa ijaaruun badhaadhina Ityoophiya dhugoomsuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartichaa Obbo Adam Faaraahi ibsan.
 
Walga’iin Hoggansaa Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnae Waajjiraa Muummee paartichaatti gaggeeffamaa jira.
 
Obbo Adam Faaraahi, milkaa’inaalee galmaa’an, qormaatilee mudatanii fi xiyyeeffannoo fuulduree paartichaarratti mari’achuun, hojii fi hubannoon, tokkummaa hoggansaa sadarkaan jiranii caalmaan cimsuuf, waltajjicha gaggeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
 
Qormaatilee mudataa jiran keessaa “Itti Fayyadama Bilisummaa” fi “Bulchiinsa Bilisummaa” gidduu madaala eeguu dhaabuu kaasaniiru.
 
Haalicha sirreessuuf gaheen hoggansa siyaasaa olaanaa ta’uu eeraniiru.
 
Ityoophiyaatti mirgoonni “Dhuunfaa” fi “Garee” kan eeyyamamanii fi eegumsa mootummaa kan qaban ta’us hojiirra oolmaarratti rakkooleen akka mul’atan ibsameera.
Maqaa shaakala bilisummaan olaantummaan seeraa akka hinlaafne fi sochiileen nageenya lammiilee balaarra buusanii akka hinuumamne ittisuu itti gaafatamaa hoggansaa ta’uu hubachiisaniiru.
 
Walga’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, hoggantoonni sandaa Koree Hoji Raawwachiiftuu Partii Badhaadhinaan dhiyaaterratti akka mari’atan ibsamuu ragaan Paartii badhaadhinaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.