Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhina hunda galeessa fiduuf hirmaannaan dargaggootaa murteessaadha jedhame

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) – Badhaadhina Hunda galeessa fiduuf hirmaannaan dargaggootaa murteessaadha jedhame.

Magaalaa Jimmaatti mata duree “Hirmaannaa kallattii kammiilee badhaadhina hunda galeessaaf” jedhu irratti dargaggoota waliin mariin taasifameera.

Mariin nageenyaa fi misooma keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa dargaggootaa ol guddisuuf mariin xiyyeeffate kun dargaggoota gandoolee magaalichaa hunda keessaa walitti babba’aan kuma 1 fi 800 ol hirmaachisuun gaggeeffameera.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa obbo Najiib Abbaa Raayyaa, Badhaadhina hunda galeessa fiduun dargaggoota malee kan hin yaadamne ta’uu hubattanii dargaggoon keenya akkuma kaleessa misoomaa fi nageenya biyyaas ta’ee magaalaatti utubdanii har’aan geessan fuuldurattis hirmaannaa hunda galeessa ta’ee  taasisuun kan yeroo kamiiyyuu caalaa isiin irra eegama jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjiira Paartii Badhaadhinaa magalaa Jimmaa obbo Lataa Ashabiir, bara kana fayyadamummaa dargaggoota mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru dubbachuun hanga ammatti dargagootaa kuma 17’f carraa hojii akka umamee fi gara fulduraattis xiyyeeffannoon akka hojjetan dubbataniru.

Haaluma Walfakkatuun Godina Booranaatti Mariin dargaggootaa aanaalee godinichaa hirmaachise Magaalaa Yaaballootti taa’amaa jira.

Barreeffamni ka’umsa marii kanaaf dhiyaatee irraatti mari’atameera.

Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinnaa Godina Booranaa, Obbo Gammachuu Dhaabii akka jedhanitti, dargaggeessi humna biyya utubuu waan ta’eef dhimma biyya isaa irraatti mari’achuun biyya jabduu ijaaruu keessaatti gahee guddaa qabu jedhaniiru.

Tasfahuun kabbadaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.