Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhina biyyaalessaaf Miseensonni Mana Maree gahee isaanii bahachuu qabu-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC)-Badhaadhina biyyaalessaaf Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota gahee ijaarsaa bahachuu akka qaban Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Giddugalaa Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Obbo Adam Faaraah ibsan.

Leenjiin hoggantootaa fi miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshiniif Giddugala Hoggansa Afrikaatti kennamaa jira.

Leenjicharratti Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, mul’ata biyyaalessaa galmaan ga’uuf mul’ata waloo irratti miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gahee ijaarsaa isaanii bahachuu qabu.

Miseensonni mana marichaa itti gaafatama ummataa qabaniin mul’anni biyyaa akka milkaa’u hojii hubannoo uumuu bal’inaan hojjechuun barbaachisaa akka ta’e akeekuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.