Fana: At a Speed of Life!

Baazariin Bu’aa Qonnaa Oromiyaa beeksisu Magaalaa Adaamatti baname

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Baazariin Bu’aa Qonnaa Oromiyaa beeksisu Magaalaa Adaamatti baname.
Agarsiisi baazaariifi egzibiishii bu’aa oomisha qonnaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti, bakka Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti baname.
Baazarii kanarrattii hoggantoonni olaanoon, qonnaan bultoonni, horsiisee fi qaamoleen garaa garaa kan argaman yoo ta’u bu’aa oomishaalee qonnaa gara garaa agarsiisa kanarratti dhiyaateera.
Bu’aawwan qorannoo garaa garaa teknoloojii wajin wal qabatan naannicha keessatti hojjatamaan, oomishaalen kanneen akka dammaa, dhadhaa, buna, sanyiiwwan filatamaa kuduraaleefi muduraaleen gara garaa qonnaan bultootaafii waldaalee adda addaatin dhiyaateera.
Hirmaattonni sagantichaas bu’aa oomishaalee dhiyaatan daawwataniiru.
Hoogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa obbo Dhaabaa Dabalee yaada kennanin kaayyoon guddaan sagantaa kanaa oomishaalee bu’aa qonnaa ta’an fakkeenyummaa gaarii kan qaban muuxannoo walirraa fudhachuu fi qonnaan bultoota, hayyoota guddina diinagdee keessatti qooda fudhatanii fi abbooti qabeenyaa deeggarsa taasisuu keessatti fakkeenyummaa qabaniif beekamtii kennuudha jedhan.
Akka Waajjiirii Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseetti, naannoon Oromiyaa wantoota gurguddaa karooraan irratti hojjatamaa jiran keessaa wabii nyaataa mirkaneessuu, oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuu fi bu’aa qonnaa ala ergiif oolan oomishuun badhaadhina maatii fi biyyaa mirkaseessuu akka ta’e obbo Dhaabaan ibsaniiru.
Sagantaan kun guyyaa lamaaf kan itti fufu yoo ta’u marii paanaalii fi sagantaa beekkamtii keennuu qonnaan bultoota adda duree ta’an, haayyootaa fi abbootii qabeenyaa ni gaggeefama jedhamee eeggama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.