Baazaarii fi egzibiishiniin Irreechaa guyyoota afuriif turu Finfinneetti baname
Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Baazaarii fi egzibiishiniin Irreechaa guyyoota afuriif turu Finfinneetti banameera.
Sanbata dhufu Hora Finfinneetti Ayyaana Irreecha kabajamu sababeeffachuun sagantaan baazaarii fi egzibiishinii qophaa’e Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen banameera.
Saganticharratti Kantiibaa Adaanech Finfinneen Magaalaa tokkummaa sabdaneessaa fi obbolummaa ta’uu dubbataniiru.
Haaluma kanaan jiraattonni magaalichaa aayyanota aadaa fi amantaa waloon kabajuun tokkummaa caalmaan cimsaa jiraachuu dubbataniiru.
Ayyaanni Irreecha ayyaana nageenyaa, obbolummaa fi galataa ta’uu himanii, ayyaanicha haala tokkummaa fi obbolummaa bu’uureffateen kabajuu qabna jedhaniiru.
Ittaanaa Kantiibaa Finfinnee Zhaanxiraar Abbaay gama isaaniin, aadaalee fi duudhaaleen Ityoophiyaa calaqqee waliin jireenyaati jedhaniiru.
Qabeenyaalee kanneen eeguun dhaloota itti aanuuf dabarsuuf dirqama qabna jedhan.
Baazaarii fi egzibiishinii kanarratti uffannaaleen aadaa garaagaraa gabaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, sadarkaa kutaa magaalaa fi aanaatti banamuunis ibsameera.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.