Fana: At a Speed of Life!

Baayar Muuniik si’a ja’affaaf waancaa chaampiyoonsi liigii Awrooppaa injifate

Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (FBC) – Baayar Muuniik si’a ja’affaaf waancaa chaampiyoonsi liigii Awrooppaa injifate.

Kilabiin Jarman Baayar Muuniik kilabii Faransaay Paariis Seent Jarman tokkoof zeerodhaan injifachuudhan chaampiyoons liigii Awrooppaa 2019/20 injifachuu danda’eera.

Galchiin injifannoo kan argame tapha walakkaa lammaffaa daqiiqaa 59ffaatti Kiingileey Koomaan lakkoofsiseeni.

Paariis Seent Jarman Neemaar, Mibaapeen hiriirsisee osoo injifatee jiraatee, Maarseeyin booda kilabii Faransaay waancaa kaase isa biroo ta’aayyu.

Kilaboonni Speen Riyaal Maadriidii fi Baarseloonaan duraa duuban galchii 567 fi 517 lakkoofsisuu danda’aniiru.

Baayar Muuniik ammoo 500 lakkoofsisuun sadaffaa ta’eera.

Dorgommiin chaampiyoons liigii Awrooppaa sababii weerara vaayrasii koroonaatin mo’anii darbuutin akka gaggeeffamu akkaataa murtaa’ee tureen Poorchugaal Liisban irratti xumurasaa argateera.

Bara darbe dorgommicha kan injifate kilabii Ingiliiz Liivarpuul ta’uun ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.