Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan shanan darban Indaastirii Kal’oorraa galiin Doolaarri miiliyoonni 19 argamuu ibsameera

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Baatiwwan shanan darban daldala alaa Indaastirii Kal’oorraa galiin Doolaarri miiliyoonni 19 argamuu Inistiityuutiin Indaastiriin Misooma Kal’oo Ityoophiyaa beeksiiseera.
Inistiityuutichi raawwii baatiwwan shanan darbanii fi rakkoolee damicha muudatan ilaalchisee ibsa laateera.
Baatiwwan shanan darban Doolaara Miiliyoona 26.8 ol walitti qabuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni 19 argamuu Daayreektaarri olaanaa Inistiityuutichaa obbo Daanyaachoo Shifarraaw ibsaniiru.
Ityoophiyaan sirna daldalaa Agoowaa keessaa ba’uu ishee hordofee rakkoon sharafa alaa akka hin muuddanne bakka buusuuf hojjetamaa jiraachuu keesaniiru.
Hirmaannaa fi uwwisa gabaa Awurooppaa, Eeshiyaa fi biyyoota Afrikaa argachuun qaamaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Bara baajataa 2014 waliigala Indaastirii Kal’oorraa Doolaara miiliyoona 90 galii argachuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Inistiityuuticharraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.