Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan shanan darban daldala Albuudarraa galiin Doolaarri miiliyoonni 241 argame

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Baatiwwan shanan darban daldala Albuudarraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 41 argamuu Ministeerri Albuudaa beeksiise.
Rakkoo haala biyyaalessaa fi naannoo Albuunni ba’utti muul’atu dandamachuun galiin argame jajjabeessaa ta’uu Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Oomishni Albuudaa lafee dugdaa diinagdee biyyaa akka ta’uuf rakkoo jiru furaa tarkaanfii eegallle cimsinee itti fufna jedhan.
Bu’aan argames agarsiiftuu ta’uu Injinar Taakkalaan eeraniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.