Baatiwwan salgan darbanitti daldalaa alaatin indaastiriiwwan oomishtootaarra galiin doolaarri miiliyoonni 390 argame
Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Baatiwwan salgan darbanitti daldalaa alaatin indaastiriiwwan oomishtootaarra galiin doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 90 argamuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal ibsaniiru.
Raawwiin karoorichaas % 87 ta’uu eeraniiru.
Indaastiriiwwan oomishtootaa Ityoophiyaatti gudina gaarii argamsiisaa jiraachuu kan kaasaan obbo Malaakuun, rakkoowwan galtee, hanqinni bu’uuraalee misoomaa, humni namaa, faayinaansii fi kanneen biroon gufuu ta’uu himaniiru.
Rakkichaaf furmaata laachuufis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Biyyattin paarkoota indaastirii hundeessiteen uffatalee dabalatee oomishaale adda adda gara biyya alaatti erguun sharafa alaa argamsiisuun shooraa olaanaa ba’achaa jirti.
Zalaalam Gabayyootu gabaase
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.