Baatiwwan saddeettan darbanitti birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 91 ol walitti qabame – Ministeera Galliiwwanii
Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 (FBC) – Baatiwwan saddeettan darbanitti Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 91 ol walitti qabamuu Ministeerri Galliiwwanii beeksiise.
Ministeerichi galii sassaabuuf karoorfate % 100 ol galmaan ga’uu ibseera.
Baatiwwaan sadadeettan darbanitti galii Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 91 fi miiliyoona dhibba lamaa ol walitti qabuuf karoorfamee, Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 91 fi miiliyoonni dhibbi 4 ol waliitti qabamuu Ministeerichi beeksiseera.
Galiin sassaabbamees kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallamee birrii biilyoona 24.63 caalmaa qaba jedhame.
Taaksii biyya keessaarraa Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biilyoonaa 16.70, Qaraxaa fi taaksii alaarraa Birrii biilyoonni 74.59, gurgurtaarraa galii qulqulluun birriin miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 54.46 argamuu ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.