Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan sadan darban Daldala Alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.5 ol argame – MDWHN

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC) – Baatiwwan sadan darban Daldal Alaarraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.5 ol argamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi raawwii hojii kurmaana 1ffaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin gamaaggamuu Ministirri Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsaniiru.

Galiin kurmaana kanatti argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Doolaara miiliyoona 700 caalmaa qabaachuu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.