Baatiwwan sadan darban Cuuciwwan miiliyoonni 20 raabsaman – Ministeera Qonnaa
Finfinnee, Onkololeessa 22, 2017 (FBC) – Bara baajataa 2017 baatiwwan sadan darban Cuuciwwan miiliyoonni 20 raabsamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen raawwii kurmaana 1ffaa bara baajataa 2017 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Hojiileen oomishtummaa qonnaa dabaluuf dandeessisan raawwatamuu himaniiru.
Bara baajataa 2016/17 sagantaa ashaaraa magariisaan Biqiltuuwwan biiliyoonni 7.6, waggoottaan jahan darban ammoo Biqiltuuwwan biiliyoonni 40 ol dhaabbachuu dubbataniiru.
Kurmaana jalqabaa kanatti Oomishaalee qonnaa alatti ergamanirraa Galiin Doolaarrii miiliyoonni 796 argamuu fi Buna qofarraa galiin Doolaarri miiliyoonni 519 argamuu Dooktar Girmaan kaasaniiru.
Sagantaa Seeftineetiif Maallaqa waliigalaa qophaa’e Birrii biiliyoona 80 keessaa Birrii biiliyoonni 45 baadiyyaaf kan qophaa’e ta’uu eeraniiru.
Taarikuu Waldasanbatii fi Masaafinti Iyyaayyutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia