Baatiwwan kurnan darbanitti Warqeerraa galiin Doolaarri miiliyoonni 505 argame
Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC) – Baatiwwan kurnan darbanitti Oomisha Warqee Kiiloo Giraama kuma 6 fi 785 gabaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoonni Dhibbi 5 fi miiliyoonni 5 ol argamuu ibsameera.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen dhaabbii dhimmoota Qabeenya Uumamaa, Jallisii fi Iinarjii raawwii hojii baatii kurnan darbanii Ministeera Albuuda fi Boba’aa magaalaa Adaamaatti gamaaaggamaa jira.
Ministeerichi Baatiwwan kurnan darbanitti lammiilee kuma 93 oliif carraa hojii uumuu beeksiiseera.
Oomishni Warqee qulqullina isaa eeggate gara Baankii akka galuuf hojiin fooyya’iinsaa hojjetame bu’aa gaarii argamsiisuu himameera.
Akka EBCn gabaaseetti, Koreen dhaabbii dhimmoota Qabeenya Uumamaa, Jallisii fi Iinarjii Ministeerichi baatiwwan kurnan darban keessa hojii jajjabeessaa hojjchuu ibsuun, caalmaatti cimsee itti fufuu akka qabu yaadachiiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo
Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.