Baatiwwan kurnan darbanitti warqee alatti ergamerraa galiin Doolaarri miiliyoonni 553 ol argamuu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 10, 2013(FBC) – Baatiwwan kurnan darbanitti oomisha warqee alatti ergamerraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 53 ol argamuu Ministeerri Boba’aa fi Albuudaa beeksiise.
Gabaa Warqee giddisuuf hojii hojjetameen galiin fooyya’aan argamaa jiraachuu himameera.
Galiin daldalaa warqee bara 2012 Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoonni 98 fi kumni dhibbi 3 qofa ture bara 2013 baatii 10 keessaatti Doolaarri miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 53 fi kumni dhibbi 3 ol argamuu himameera.
Guyyaa har’aas bu’aa argameef qaamolee gumaacha olaanaa taasiisaniif sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnii fi Ministirri Ministeera Boba’aa fi Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoo Federaalaa fi naannolee argamaniiru.
Ityoophiyaatti Warqeen mala aadaan oomishamuu erga jalqabee waggoota kuma 2 ol lakkoofsiisuu seenaan ni agarsiisa.
Yeroo ammaa lammiileen miiliyoonni 1.5 ol oomisha Warqeerratti bobba’anii argamu jedhame.
Warqee gara alaatti waggaan ergamu keessaa % 60 warqee mala aadaan oomishamu ta’uu ibsameera.
Hayimaanoot Iyaasuutu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.